Saayintistoota muslimaa; Herreega, Saayinsii Urjii fi Jiyoograafii (Mathematics, Astronomy & Geography) keessatti beekamoo ta’an;
- Herreega, Saayinsii Urjii fi Jiyoograafii (Mathematics, Astronomy & Geography)
Muhammad ibn Musa al-Khwarizmi (780 –850):
Gumaacha Gurguddaa: Abbaa Aljebraa jedhamee beekama. Kitaabni isaa “Al-Jabr” Awurooppaa keessatti herregaaf bu’uura guddaa ture. Jechi “Algorithm” maqaa isaa irraa dhufe. Lakkoofsota Hinduu-Arabaa (kan har’a fayyadamnu) addunyaatti beeksise. - Al-Battani (Albatenius) (858 – 929): Gumaacha Gurguddaa: Saayinsii urjii fi Tiraayigoonomeetirii (trigonometry) keessatti gumaacha olaanaa taasise. Dheerinna waggaa tokkoo sirritti shallage. Foormulaawwan tiraayigoonomeetirii haaraa uume.
- Umar Khayyam (1048 – 1131): Gumaacha Gurguddaa: Walaloo isaatiin beekamaa ta’us, hayyuu herregaa fi saayinsii urjii cimaa ture. Himoota herregaa ‘cubic equations’ furuuf mala ji’oomeetirii fayyadame. Akkaataa lakkoofsa guyyaa (calendar) sirreesse.
- Nasir al-Din al-Tusi (1201 – 1274): Gumaacha Gurguddaa: Mana qorannoo urjii (observatory) guddaa Maaraaghaa (Maragheh) keessatti hundeessuun beekama. Moodelii herregaa “Tusi couple” jedhamu kan sochi samii ibsu kalaqe, kunis boodarra Nicolaus Copernicus-iif bu’uura ta’e.
- Al-Idrisi (1100 – 1166): Gumaacha Gurguddaa: Hayyuu jiyoograafii (geography) fi kaartaa kaasuuti. Kaartaa addunyaa yeroo sanaaf baayyee sirrii fi bal’aa ta’e “Tabula Rogeriana” jedhamu mootii Sisiiliitiif hojjete.
- Ibn Battuta (1304 – 1369): Gumaacha Gurguddaa: Imalaa isaa kan addunyaa guutuu naanna’een beekama. Barreeffamni isaa “Rihla” (Imala) seenaa, jiyoograafii fi aadaa jaarraa 14ffaatiif ragaa guddaadha.
Qopheessaan: Xaahir Galatoo
Fuula Facebook isaa irratti hordofuuf kana bani
[Xaahir Galatoo Ebuu]





