Bu’uu (gadhiisuu) Turuu Handhuura Daa’mman Kichuu (Delay in cord separation)
Daa’imni garaa haadhaa keessatti handhuurri isaa karaa hobbaatii ujummoo dhiigaa haadha waliin wal quunnama. Karaa kanaan kan inni nyaata fi oksijinii dhiiga haadha keessaa argatu. Yommuu dhalatu garuu handhuurri isaa/ishee obbaatii irra kutamuun akka hin dhiigne 2cm kan ta’u hambisuun handhuurri daa’imaa kun hidhama. Inni hidhame kunis ofiisaatii gogee guyyoota 7 hanga 14 gidduutti itti adda ba’a ykn irraa bu’ee bada, isa booda handhuura qofaatu hafa jechuudha
Handhuurri inni irraa citee hafe (umbilical stump) kun bu’uu ykn irra adda ba’uu ture kan jennu guyyoota 21 ykn torban 3 ol yoo utuu ofii isaa irraa bu’iin yoo tiredha.
Maaltu akka Turu Taasiisuu Danda’a?
1. Infekshinii (baakteriyaa gara garaa, fungasii fi jarmoota biroon hundhuurri yommuu hubamuu)
2. Daa’imni sun hanqina madinummaa dhalootaan yoo qabaate (primarily immuno deficiency)
3. Dhalootan daa’imni sun hanqina hormonii taayiroksinii (hypothyroidism) yoo qabaate, kun metabolism qaama hir’isuu madaan sun dafee akka hin fayyine taasiisuun dafe Akka irra citne godha
4. Kunuunsi handhuura godhamuu dhabuu
– jiidhinsa itti baay’isuu
– qulqullina eeguu dhabuu
– Akka malee qulqulleessuuf yaaluu, kun kun akka madaan dafee hin qoorree fi dafee akka buune godha
5. Dhibee sukkaaraa,Kunis madaan dafee akkan fayyine gochuunidha
Yoo osoon bu’iin ture dhiibbaan isaa maali?
– Infekshinii handhuuraa (Omphalitis)
– Dimatee iita’uu handhuuraa (umbilical granuloma)
– Darbe darbe daa’mman muraasa itti fistula fidu danda’a
Maal goona yoo nuu quunname?
1. Naannoon handhuuraa qulququllu fi qooraa akka ta ‘u gochuu, jiidhinsa irraa eeguu
2. Qaqqabbi gar malee itti baay’isuu dhiisuu
3. Humnaan harkisanii irraa buusuu yaaluu dhiisuu
4. Mallattolee kan akka diimachuu, iita’uu, mala’uu ykn mala yaasuu handhuura fi dhaqna hoo’isuu yeroo kamiyyuu yoo jiraatee, isan kun mallattoolee infekshini waan ta’aniif, akkasumas mallattooleen kun dhibamanis, torban 3 osoo irraa hin bu’iin yoo ture mana yaala deemuun ogeessa fayyaa ilaalchisuu qabnaa jechuudha.





