Ofiikee of hin dhabin‼️
✍Ofiikee of hin dhabin malee wanta dhabde hundumaa yeroo isaatti ni argatta. Kanaaf isa dhabde sanaaf jecha eenyummaa kee hin dhabiniti of irratti hojjadhu
✍Namoota sirrii argachuuf jecha yeroo kee hin qisasessini. Ati nama sirrii ta’udhaf dhama’i malee si barbaadani dhufu.
✍Ofii keetif wanta hawwite,sana argachuu yoo dadhabde isa Uumaan kee sif barreesse garuu tokkollee hin dhabdu. Kanaaf badaa mataa of hin dhukkubsin.
✍Yeroo baay’e kan dhiphannu wanta baarbaannu yeroo dhabne utuu hin taane wanta of harkaa qabnu yoo hin beeknedha. Wanta of harka qabu kan hin beekne fi homaa kan hin qabne tokkodha. Kanaaf isa dhabde dhiisi isa qabdu irratti xiyyeeffadhu.
✍Namni hubataan rakkina durasaa jiru ilaale utuu hin taane mullata onnee isaa keessa jiru ilaalee obsaan karaa isaa imala. Kanaaf hubannaa qabaadhu.
✍Dhiifama namaaf gochun guddina yoo ta’eyyuu, dhiifama abdatanii nama miidhun garuu xiqqummaadha. Kanaaf atis midhuu dhiisi. Isa dhifama kee abdatee simidhurrayis fagaadhu.
✍Dogoggora gaafa hojjattu miidhamuu dandeessa. Garuu waggoota muraasa booddee kuufamni dogoggorootaa ati kaleessa hojjatte “Muuxannoo” jedhamani waamamu. Muuxannon immo gara milka’inatti si geessa. Kanaaf Dogoggorri kee kaleessaa mana barumsa kee ture jechudha.
✍Sin wantoota lamatu si ibsu. Inni jalqabaa yeroo homaa hin qabnetti obsa ati obsituu fi guyyaa wa argattetti gammachuudhan amala ati agarsiistudha. Kanaaf gaafa sif toles gaafa sitti bades miira kee to’adhu.
✍Sooressa guddaa ta’uf murteessan maallaqa lakkoofsa Baankii kee irraa qabdu utuu hin taane, eenyummaa sirrii sammu kee keessaa qabdudha. Kanaaf wanta sammuun kee fi onneen kee baatee jiru adda baafadhu. Yoo wan dansaa ta’e isa irratti hojjadhu.
✍Sammuun kee akka maagineetiti. Yoo waa’ee eebbaa yaadde eebba harkisa. Yoo wa’e rakkinaa yaadde rakkinuma harkisa. Kanaaf wan gaggaari qofa sammuu kee keessa ol-kaawwadhuutii eebba fi ulfina gara mana keetti harkisi.





