Dhaamsa, Gorsaafi Imaanaa

Gowwoomsuu Dhiisi!

Jireenyi kun balaqqeessa (eco) hojii keeti. Mucaa gowwaa fakkaatu tokkotu jira ture. Namichi mana rifeensaa hojjetu tokko mucaa balbala isaatii kophee qulqulleessuun yeroo hundumaa “Mucaan kun gowwaadha, homaayyuu hin beeku” jechuudhaan namoota mana isaa dhufanii rifeensa sirreeffatanitti haasaha ture. Akka inni gowwaa tahes agarsiisuuf mucicha waamee doolaara duudaa tokkoofi saantimoota walakkaa doolaaraa hin taane hedduu wal bira qabee “Kana keessaa isa kamtu caalaa? Ati isa kam fudhatta?” jedha ture. Mucichis “Saantimoota hedduutu caalakaa, doolaarri tokko doolaaruma tokkodha” jedha ture.

Namichis yeroo sana hiriyoota isaa hedduutti “ila kunookaa ani isiniin hin jenne? Mucaan kun gowwaadha, homaayyuu hin beeku” jechaa ture. Guyyaa tokko taatee namoota kanaan kan ajaahibsiifame namichi rifeensa sirreeffatee bahu tokko mucaa kophee kana qulqulleessu bira deemee “dhuguma ati gowwaadhaam, maaliif doolaaricha hin fudhattu? Doolaarri tokko saantimoota sana in caalaam” jedhe.

Mucaan kunis akkas jedhee deebiseefii “namichi kun yeroo hundumaa nama hundaatti akkan ani gowwaa tahe mul’isuuf na waamee gochaa isaa kana irra deddeebiin gochaa ture; ani immoo akka inni jedhu gowwaa taheen osoo hin tahiin, waaninni akka gowwaatti na ilaaluuf anis isa gowwoomsaan jira, yoon akka doolaarri caalu isa hubachiise haasaan kun achumatti dhuma. Innis lamuu ana waamee hiriyoota isaa biratti gowwaadha naan hin jedhu, ani guyyaa hundumaa saantimoota koo fudhadhee deemaan oola” jedhe.

Namichi kunis “gowwaan osoo si hin tahiin namicha sana tahuu amman mirkaneeffadhe” jedhee biraa deeme. Namoonni tokko tokko si gowwoomsaa waan jiran isaanitti fakkaatee hedduu imalu. Haa tahu malee jireenyi kun karma (You reap what you saw) dha. Yaaqoob obboleessa isaa hangafummaa irratti gowwoomse, haa tahu malee innis gaahela isaa irratti hangafaan goyyoomfame. Osoo ishee eegoo yookaan Raaheliin fuudhuuf hoolota eeguu, gaafa cidha isaa galgala rafee yeroo dammaqu guntuta Liyaa jalatti of arge…

Gorsa Xinsammuu

Gorsa Xinsammuu Nama Hundaaf

➊. Wanta jechaan jijjiiruu dandeessu humnaan jijjiiruu hin dandeessu; wanta humnaan jijjiiruu dandeessu jechaan jijjiiruu hin dandeessu.
➋. Mul’ata, karoora, qophii sirriin, addunyaa kana jijjiiruu dandeessa.
➌. Addunyaa kana irraa namoonni baay’ee barbaadaman namoota rakkinaaf furmaata qajeelaa fidanii dha.
➍. Namooni galma isaanii beekan tasa harka hin kennan.
➎. Sanyii haammachuu barbaaddu akka maasiitti yaada namootaa irra facaasi, Sanyiin hunduu biqilee ija godhaachuu baatus sanyii facaafte argachuun kee hin oolu.
➏. Jechi gaariin tokko dhalootaaf galaa gaarii ta’uu danda’a, jecha gaarii olkaa’uu hin dagatin!
➐. Waan dursiteef qofa dursaa ta’uu hin dandeessu, eenyumma keetu murteessa.
➑. Jireenya keef waan barbaadu osoo wal irraa hin kutin yaadi! yaada kee qajeelummaatiin abboomi!
➒. Duuba deebi’uun waan lamaaf nama gargaaru, isaanis fagaatanii utaaluu fi seenaa irraa baratanii fuulduree ofii qajeelfachuufi.
➓. Abdii dura dhugaatu dursa, Amantii dura immoo abdiitu dursa.

Dhaamsa Shan Kan Aliyyi Ibni Abii Xaalib Dhaame

Dhaamsa Shan Kan Aliyyi Ibni Abii Xaalib Dhaame
  1. Rabbii keetirraa malee waa hin kajeelin,
  2. Waan hin beekne barachuu hin jibbin,
  3. Waan hin beekne yoo gaafatamte hin beeku jechuu hin sodaatin,
  4. Cubbuu tee malee hin sodaatin,
  5. Obsi iimaanarraa akka mataan qaamarra jiru jiraa hin wallaalin,
  • Kan waa irraa kajeelan Rabbii Tokkicha qofa, kan siif kannee hin Hifanne, ilmi namaa ammoo arra yoo Waa siif godhe boru itti deebinaan ifirraa si ari’a, kanaafuu rabbuma keenya qofarraa haa kajeellu.
  • Namni daqiiqaa muraasaaf gaaddisa barnootaa jala taa’uu dadhabe, jiru isaa guutuu deemee waa gaafachaa oola, kanaaf wallaalaan akka hin miidhamneef Waa barachuu hin jibbin.
  • Waan hin beeyne hin beekhu jattee deebisuun cinaa Beekkumsaati, waan Hin Beeyne niin beekha jattee dubbii walitti laaquun ammoo wallaalummaadha, Kanaaf Yoomillee taanaan waan hin beeyne niin beekha jattee waan hin taane hin deebisin.
  • Cubbuu namatti dalaguu akkaan irraa fagaadhu, Cubbuu Namni sitti dalaguuf hin cinqatin Rabbiin Guyyaa Tokko irraa siif kafaluuf taa’a.
  • Sadarkaan Obsaa akka malee guddoodha, obsi iimanarraa bakka mataan qaamarraa Qabu qaba, kanaafuu obsa haa qabaannu.

Rabbiin kheeyrii Addunyaa fii Aakhiraa Hunda Walitti Nuuf Haa Qabu.

Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa.

Rakkoo Dhiifama Gochuu Dadhabuu

Rakkoo Dhiifama Gochuu Dadhabuu

HUBADHU

(1) SODAA: Sodaan carraa lafa jirutti akka hin fayyadamne si dhoorka.

(2) WALLAALA: Wallaalli murtoo gaarii akka hin murteessine si godha.

(3) AARII: Aariin wantoota sirritti madaaltee akka hin tarkaanfanne si danqa.

(4) HINAAFFAA: Hinaaffaan of guddisuu irratti akka hin xiyyeeffanne si dhoorka.

(5) OF-TUULUMMAA: Namoota biroo irraa akka hin baranne si dhoorka.

(6) SHAKKII: Shakkiin of amanuu fi abjuu kee milkeessuuf bu’aa ba’ii jiru akka hin darbine si godha.

(7) JIBBA: Jibbi nama fooyya’aa akka hin taane si godha.

(8) DHIIFAMA GOCHUU DHABUU: Nama bilisa taatee akka hin jiraanne si dhorka.

(9) SOBA: Namoonni akka sitti hin amanne si godha.

(10) BOONA: Boonuun dogoggora kee akka hin arginee fi irraa akka hin baranne si dhorka.

https://t.me/KedirAbdulatifH

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top