Yunaayitid Kingidam, Firaansii fi Kaanaadaan dhimma Gaazaa irratti Israa’el akeekkachiisan
Yunaayitid Kingidam, Firaansii fi Kaanaadaan Israa’el duula waraanaa Gaazaa keessatti babal’isuu yoo itti fufte tarkaanfii akka fudhatan akeekkachiisan.
Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam Sar Keer Istaarmer hoggantoota Firaansii fi Kanaadaa waliin ta’uun mootummaan Israa’el waraana hatattamaan akka dhaabuu fi gargaarsi namoomaa Gaazaa akka seenu akka hayyamu waamicha dhiheessaniiru.
Karoora dhiheenya kana miseensonni mootummaa Israa’el lammiilee siivilii Gaazaa keessaa buqqisuu jalqabuuf sodaachisaa jiranis balaaleffataniiru.
Adeemsi humnaan buqqisuu kun seera namoomaa idil-addunyaa kan cabsu ta’uu ibsan.
Yunaayitid Kingidam, Firaansii fi Kaanaadaan, mootummaa Paalistaayin walaba ta’ee fi Israa’el waliin wal cinaa jiraatu, akkasumas yaadonni furmaata mootummoota biyyoota lamaaniitiin dhihaatan hojiirra akka oolanii fi waliigaltee dhukaasa dhaabuuf deeggarsa kan godhan ta’uu mirkaneessaniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun gama isaaniitiin, yaada hoggantoota biyyoota sadeenii akkamalee qeeqaniiru.
Hoggantoonni biyyoota Awurooppaa hundi mul’ata pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Tiraamp waldhabdee kana furuuf qaban hordofuu qabu jechuudhaan Neetaaniyaahuun waamicha dabarsaniiru.
Geetinnat Tasfaamaariyaamitu gabaasa kana qindeesse




