Ilmi Pireezidaantii Ugaandaa hoogganaa finciltoota Sudaan Hiitlar waliin walbira qabuun qeeqan

Ilmi Pireezidaantii Ugaandaa hoogganaa finciltoota Sudaan Hiitlar waliin walbira qabuun qeeqan

Guraandhala 24, 2026: Ajajaa Humna Waraanaa biyyattii kan ta’e ilmi Pireezidaantii Ugaandaa Yuweerii Museeveenii, hoogganaa Garee Finciltoota Sudaan Raappid Saappoorti Foorsis dhiyeenya biyya isaanii dhufee Pireezidaanti Muuseveenii waliin mari’ate irratti qeeqa cimaa dubbate.

Jeneraal Muhuuzii Kaayiniruu galgala Dilbataa fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti ergaa barreesseen, hoogganaa RSF Mohammed Hamdaan Dagaaloo “yakkaamaadha” kan jedhe yoo ta’u, “harka isaa irrattis dhiigni uummata gurraachaa kumaatamaa dhangala’eera’’ jedheera.

Jeneraalichi itti fufuun: “RSF’n uummata gurraacha nagaa ajjeesuu isaaniitiin gootummaan itti dhaga’ama. Hiitleris yeroo Aushwiitiz keessatti Yihuudota gaaziin fixaa ture akka gootummaan itti dhaga’amaa akka ture nan tilmaama,” jechuun hooggaanaa garee kan Naazii, Addoolf Hiitler waliin walbira qabuun ibseera.

Ajajaan Raayyaa Ittisa Ugaandaafi abbaan isaanii yoo lubbuun darbani aangoo ni dhaalun jedhamuun eegamu Kaayiniruugaabaa; “RSF’n Sudaan keessatti injifannoo argachuun dura guutummaa Afrikaa gurraachaa waliin loluu qaba, kun immoo ta’u hin danda’u,” jechuun barreessera.

Jeneraalichi waa’ee RSF irratti dubbate gidduutti dhaabuun, taatee bara 1968 A.L.I buufata xiyyaaraa Enteebee keessatti ajaja waraanaa Yooniif kan booji’amtoota bararuuf jecha sakatta’insa taasifameen ajjeefame, obboleessa Ministeera Muummee Israa’eel Beeniyaamiin Neetaniyaahuufi siidaa yaadannoo dhaabuu akka barbaadu ibseera.

Jeneraalichi fuula X (Tiwiitara) isaa irratti: “Waggoota afur darban keessatti Gooftaan koo Yesuus Kiristoos abjuu fi mul’ataan natti mul’atee Yooni Neetaniyaahuutiif Enteebee keessatti siidaa akkan ijaaru natti himeera. Addunyaas akkan hin sodaanne na ajajeera, inni addunyaa irra ni jabaata waan ta’eef!’’ jechuun barreessera.

Pirezidaantii Museeveeniin bara 2008 dubbii Enteebeetti taasisan irratti Israa’eeliin irra deddeebiin “Paalaayistaayini” jedhanii waamanis, ilmi isaanii Kaayiniruugaabaa, Neetaniyaahuu dabalatee hoogganoota Israa’eel waliin hariiroo cimaa qabu.

Museeveeniin bara 2012 haadha warraa isaanii Jaaneet waliin ta’uun, Neetaniyaahuu fi hoogganaa waraana Sudaan Abdel Fattaa Al-Burhaan gidduutti hariiroo idileetti deebisuuf tarkaanfii jalqabaa kan ta’e walga’ii seenaa qabeessa mijeessuun isaanii ni yaadatama.

Ugaandaa keessa waggoota digdamaaf kan jiraatefi “daldalaa meeshaa waraanaa” jedhamee kan waamamu Israa’eelicha Baaraak Orlaandi fi Jeneraal Kaayiniruugaabaa gidduu michummaan cimaan jiraachuu isaa Middle East Eye gabaaseera.

Download Apps

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top