Saafaariikoom Itoophiyaan bara baajataa 2024 doolaara miliyoona 325 kasaaruu madaalliin ba’e agarsiise
Finfinnee, Onkololeessa 07, 2025 : Saafaariikoom Itoophiyaan bara baajataa 2024 doolaara Ameerikaa miliyoona 300 fi miiliyoona 25 yoo kasaaru, kunis galii dhaabbatichi waggatti argatu doolara Ameerikaa miliyoona 53.6 harka ja’aa ol akka caalu Madaalliin Gabaa Telekoomii Itoophiyaa (Ethiopia Telecom Market Assessment) Garee Baankii Addunyaan deeggaramuun ba’e agarsiise.
Kisaaraan kunis sababa”walgituu dhabuu caasaafi dambiilee” ta’uu kan ibse madaallichi, kunis Saafariikoom miidhuu eere. Baasin Saafaariikoom hojii gaggeessuf baasu galii argatu daran akka caaluu kan gabaase madaallichi; baasii kanneen akka ijaarsa neetworkii (network construction), kafaltii qunnamtii (interconnection fee) fi kafaltii hayyamaa (license payment) dabalata jedhe. Kisaaraan kun yoo akkanaan itti fufe dhaabbatichi gabaa keessaa ba’uu mala jechuun akeekkachiise.
Akka Gabaasni Madaallii Gabaa Telekoomii Itoophiyaa agarsiisutti, Saafaariikoom hayyamaaf doolaaraa Ameerikaa biliyoona tokko kafaluutu irraa eegama. Kun ba’aa faayinaansii Itiyoo Teelekoom “irra hinjirredha” kan jedhu madaallin kun; Saafaariikoom waggatti hayyamaaf doolaaraa Ameerikaa miliyoona 66.7 akka kafalu eerun, kunis qofaa isaatti galii waliigalaa dhaabbatichi waggaatti argatuu, doolaara Ameerikaa miliyoona 53.6, ol ta’uu ifoomse.
Dabalataan, Itiyoo Teelekoom kafaltii waamicha sagalee gadi xiqqeessuun, tilmaamaan Saafaariikoom ji’aan doolaaraa Ameerikaa miliyoona 1.58 akka dhabu taasisuu madaallichi eere.
Akkaataa bu’uuraalee misoomaa telekoomiif barbaachisan ittiin waliin qoodan ilaalchisee iftoominni waan hinjirreef Saafariikoom bu’uuraaalee mataa isaa dhibbeentaa 60 ijaarrachuuf dirqamuun baasii isaa olkaasuun himame.
Faallaa Saafariikoomiin, Itiyoo Teelekoom bara baajataa walfakkaatan galii doolaara Ameerikaa miliyoona 696 argachuu kaasun, “dambiileen fi caasaleen lafa jiran” isa fayyaduu madaallichi hime.
Rifoormiin gatii hayyamaa, dambiilee gatii waamicha sagaleefi waliif qoodinsa bu’uuraalee barbaachisanii yoo ta’uu baate seektarri telekoomii Itoophiyaa invastimantii yeroo dheeraf tursiisuf yookan morkii madaalawaa uumuuf “ni rakkata” jedhe madaallichi. AS Gabaase

