🏛️✨ Waajjira Mootummaa Keessa Taa’anii Abbaa Dhimmaa Deddeebisuu ✨🏛️
🏛️ Waajjira Mootummaa keessa ta’anii sababa gahaa malee dhimma abbootii dhimmaa lafa irra harkisuun waggaa 5 akka nama adabsiisu beektuu?
📍 Fakkeenyaaf:
Waajjira mootummaa keessatti hojii ragaa lafaatiif Namni mootummaa bakka bu’ee hojjetu tokko, galmee abbaa dhimmaa guyyuma tokkotti xumuruu osoo danda’uu, “bor deebi’i”, “torban dhufu kottu”, “nama biraa gaafadhu” jechuun yeroo dheereessu yoo ta’e, kun yakka ta’a.
⚖️ KanaaHojjetaan Mootummaa sababa gahaan maletti dhimma lafarra harkisuun, bu’aa dhuunfaa isaatiif je’ee abbootii dhimmaa daddeebisuun seera akka nama adabsiisu seera yakkaa Ethiopia kwt 416 irratti tumamee jira.
📍 Hojjetaan tokko hojii mootummaa saffisaan hojjechuu qaba. Gahee hojii isaa keessatti dhimma abbootii dhimmaa yeroo murtaa’e keessatti xumuree gaaggeessuu qaba. Garuu hojii sana saffisiisuuf “waa naa godhi”, “akka fedhetti haa ta’u” jechuun mootummaa irraa ala faayidaa dhuunfaa barbaade yoo ta’e, seera jala gala.
📌SEERA YAKKAA Kwt 416. Seeraan Ala Dhimma Lafarra Harkisuu
📝 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhiyaateef irratti faayidaa nama qabu kamiyyuu irraa kallattiin yookiin alkallattiin faayidaa argachuuf, dhimmicha irratti nama faayidaa qabu kamiyyuu fayyaduuf yookiin miidhuuf jecha seeraan yookiin dambii yookiin qajeelfama hojii yookiin hojmaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hin murteessine yookiin kan turse yookiin abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta’e; haalawwan dambii darbuun kan isa adabsiisaniin ala yommuu ta’u, akka haala dubbichaatti adabbii maallaqaatiin, yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
📍 Fakkeenyaaf:
Abbaan dhimmaa eeyyama hojii daldalaa haaromsuuf jadhee galmee guutuu fide. Hojjetaan mootummaa garuu sababa tokko malee “hojii irraan jira”, “itti gaafatamaan hin qabu”, “guyyaa biraa kottu” jechuun ji’a hedduu yoo daddeebise. Kun seera yakkaan isa gaafachiisa.
📍 Abbaa dhimmaa tokko irraa qarshii yookiin kennaa argachuuf jedhee galmee isaa “kaabinee bira jira”, “mallattoon hafeen jira” jechuun yeroo dheereessu yoo ta’e, seera kana jalatti ilaalama.
📌 Akkasumaas hojjetaan mootummaa wanta kafaltii qabu sababa gahaan maletti fudhachuu yakka akka ta’e kwt 417 irratti tumamee jira.
📌 Seera kwt 417. Kaffaltii Malee Yookiin Kaffaltii Gahaa Malee Wanta Gatii Qabu Argachuu
⚖️ 1. Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatiin kaffaltii malee yookiin kafaltii gahaa malee wanta gatii qabu kamiyyuu kan fudhate yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
📍 Fakkeenyaaf:
Namni tokko akka galmeen isaa dursee ilaalamuuf bilbila haaraa yookiin kennaa qaalii hojjetaa mootummaa tokkoof kenne; hojjetaanis yoo fudhate, keewwata kana jalatti adabamuu danda’a.
⚖️ keewwata kana muraa 2 jalatti: Qabeenya, humna faayinaansii yookiin kennaa fudhachuu galmeessisuu akka qabu seeraan yookiin dambiin kan tumame yoo ta’e beeksisuu dhiisuun yookiin galmeessisuu dhiisuun bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiin ni adabsiisa.
📍 Fakkeenya qabatamaa 1:
Hojjetaan mootummaa tokko kennaa mootummaa wajjin walqabatu argate; garuu akka seerri jedhuutti mootummaa beeksisuu yookiin galmeessisuu dhiisee yoo dhokse, adabbii jala gala.
📍 Akkasumaas:
Konkolaataa, qarshii, yookiin meeshaa gatii guddaa qabu hojii isaa waliin walqabatee argatee galmee keessa galchuu baannaan, kunis yakka ta’uu danda’a.
⚖️Muraa 3. Bu’uura aadaa yookiin haala baratamaa biyyichaa yookiin naannichaatiin kennaa gatii qabuufi akka mallattoo michummaa salphaatti ilaalamu fudhachuun yookiin fira dhiigaa dhiyoo yookiin fira gaa`elaa yookiin michuu dhiyoo ta’e irraa kennaa argachuun yakka keewwata kana jalatti ibsame kan hundeessu miti.
📍 Fakkeenyaaf;
Ayyaana irratti fira dhiigaa dhiyoo irraa uffata yookiin kennaa xiqqaa fudhachuun yakka miti.
📍 Akkasumaas:
Aadaa naannoo keessatti yeroo cidhaatti yookiin ayyaanaatti kennaa salphaa akka mallattoo kabajaatti kennamu fudhachuun yeroo hedduu yakka hin ta’u.
📍 Hubachiisa:
Garuu kennaan sun hojii mootummaa waliin walqabatee murtii yookiin tajaajila jijjiiruuf yoo kenname, yeroo sana akka “kennaa aadaa”tti hin ilaalamu.
🚨 Yaadachiisa Murteessaa
❌ Abbaa dhimmaa sababa malee daddeebisuun yakka ta’uu danda’a
❌ Dhimma lafarra harkisuun faayidaa dhuunfaa barbaaduun yakka ta’a
❌ Kennaa yookiin qarshii hojii mootummaa wajjin walqabatee fudhachuun yakka ta’a
✅ Hojjetaan mootummaa seeraa, dambii fi qajeelfama hojii eeguun dirqama
✅ Abbaan dhimmaa mootummaa irraa tajaajila haqaa fi saffisaa argachuu qaba
#BeekumsaSeeraa #SeeraYakkaa #Itoophiyaa #AbbootiiDhimmaa #HubannooSeeraa #Malaammaltummaa #Seera
Qopheessaan: 👉✍️ Asleddin Ahmed
Raabsaan: Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Nu Qunnamaa
Download apps: Kadiir Tech
Visit Website: Kadiir
Join Telegram: Kedir Abdulatif Haji
Join TikTok: Kedir Abdulatif
Follow Page: Kedir Abdulatif Haji
Watch YouTube:Kedir Abdulatif
See Twitter (X):Kedir Abdulatif Haji

