Qaaccessa Tiyaatira, “Nama Biyya Oromoo”

Qaaccessa Tiyaatira, “Nama Biyya Oromoo”

Sababnisaa taatonni, meeshaaleen, uffanni, jireenyi hawaasaa tiyaatiricha keessa jiru hundumtuu kan hawaasa ammaa osoo hintaane kan warra durii waanta’eefi. Gama teknikaa dhiyaannaa isaatiin yoo ilaallemmoo tiyaatirri kun seenessa (narration), waliin dubbii (dialogue)fi faaruuwwaniin kan badhaadhe waantaheef gara tiyaatira muuziqaa (musical theatre)ttillee ni harkifatu. Sanas ta’e kana, mee ciminoota tiyaatiricha keessa jiran waliin ha ilaallu.

1. Dandeettii Taatotaa

    Taatonni tiyaatira kanaa daa’immanii hanga ga’eessotaatti, waardiyyaadhaa hanga mootiitti gahee isaaniif kenname sodaa tokko malee miira ofitti amanamummaa guutuudhaan ta’anii argamuun dalaganiiru. Keessumaa immoo taatonni baayyeen namoonni nuyi lafatti beeknu baayyeensaanii waltajjii irratti hanga wallaallutti eenyummaa qooddataa isaaniif kennamee dalaguu danda’aniiru.Qindoomina Tiyaatirichaa

    2. Qindoomina Tiyaatirichaa

    2.1. Argama/mil’uu (scene)

    Golgaan tiyaatirichaa haalaan utuu hinsaaqamin dura ta’iinsi/argiin mul’atu tokko jira ture. Innis golgaa hidhamee jiru dudduubaan mataan qawwee kan ibsaan duubaan itti ifu gaaddidduunsaa guddatee mul’ata ture. Itti aansuun namoonni sansalataan hidhamanii tooraan oofaman sun gaaddidduun isaanii yammuu mul’atu miidhama sabni keenya jaarraawwan darbaniif keesaa ture mataa namaatiin olitti guddisanii agarsiisuu danda’eera. Teknikni kunis taatee sana dhugaa goonee akka amannu taasiseera.

    2.2. Duubee mil’uu (scenary)

    Fakkiifi wantoonni duubee mil’uu (siinarii) irratti mul’atan argii jalqabaa irratti qe’ee Oromoo isa ganamaa, isa magariisa ta’ee mana citaa irraan aarri ibiddaa qal’atee ol mullatu, baalli warqee (qaachoo)fi muuzii, akkasumas waanti jiruu baadiyyaa mullisu irratti kaafamee waan jiruuf dhuguma waan taateen sun achitti raawwachaa jiru fakkaata. Baayyee hawwataadhas.

    2.3. Yoomessa (setting)

    Namni tiyaatiricha daawwate yeroonsaa yoomi ykn bakkisaahoo eessa jedhee osoo hingaafatin dura tiyaatirichi ofiisaaf gaaffii kana ni deebisa. Qe’ee Oromoo keessatti saba gita bittaatiin dararamee ijoolleensaa daandiirraa butamtee jalaa gurguramtu saba bir’achaa jiraatu tahuunsaanii ifatti mul’ateera. Weedduun haadhaafi ijoollee gidduutti geggeeffame, taphni daa’immanii sun guutummaansaa jireenya hawaasichaa ibseera. Baayyee bareedas.

    2.4. Waliin dubbii (dialogue)

    Waliin dubbiin tiyaatirichaa jabaafi kan ergaa barbaachisu dabarsuuf qofa itti yaadamee barreeffame ture. Keessumaa warri saba kana gidirsan afaan isaaniitiin yoo dubbatan, kan saba keessaa garaasheef jettee lammiishee gurgurtus afaan jaraa dubbachuuf yeroo dhamaatu, gabaa daldaala garbaatti yeroo gurgurtaaf dhiyeeffamanis afaan taatonni dubbatan sun cimina tiyaatirichi qabu isa olaanaadha.

    2.5. Itti fayyadama sochii waltajjii irraa (stage movement management)

    Taatonni tiyaatirichaa hangam haa baay’ataniyyuu malee sarara mataasaanii eeggachuun hundumtisaanii waltajjii isaaniif kenname fayyadamuu danda’aniiru. Yeroo baayyee tiyaatira akkas namoota baay’ee hirmaachisu irratti dogoggorri teknikaa baay’een, yeroo qaxxaamuran waldhoksuu (character blockage), walfaana haasa’uu (double stage)fi waliin dubbii dagachuufaan ni uumama ture. Tiyaatira kanarratti garuu daa’imman xixiqqoon illee daandii mataasaanii eeggachuun waliin dubbiisaanii bifa sirriitti dhagahamuu dandahuun ta’anii argisiisaniiru. Kunis qopheessaan kun cimina qajeelchummaa olaanaa qabaachuusaa nuuf ibsa.

    2.6 Saxaxa Uffata Taatotaa (Costume design)

    Uffanni taatonni waltajjiirratti uffatan tokkoon tokkoon isaa eenyummaa taatotaa ibsuurra darbee haala jireenya hawaasa yeroo sanaa kan argisiisuufi qaroomina saba Oromoo bara sanaa kan argisiisu ture. Akkasumas garee faaruu sirbaa dhiyeessaniifi faarfannaa dhiyeessan gidduu garaa garummaan uffataa jiru tiyaatirri kun itti yaadamee qophaahuusaafi ogeessi saxaxa uffataa jabaa ta’uusaa/shee argisiisa.

    2.7. Dibata (make up)

    Dibanni umuriifi sadarkaa jireenya taatotaa agarsiisuuf itti dhimma bahame tiyaatirichi sirriitti itti yaadamuusaa argisiisa. Fakkeenyaaf taatoon Onesmoos bakka bu’uun dalage jijjiirama mil’uu lamaa gidduutti umurii dargaggummaarraa gara dullumaatti akka jijjiiramuuf tekniki qopheessaan fayyadame ajab nama jechisiisa.

    2.8 Afaan (language)

    Afaan haadhoon (source language) tiyaatirichi ittiin hojjetame afaan Oromoo ha ta’uyyuu malee taatonni gahee habashootaafi arabootaa taphatan afaan amaaraafi afaan arabaatiin yeroo dubbatan, kaan immoo looga (accent) qeesotaa yeroo fayyadaman argineerra. Kunis cimina mataasaa danda’edha.

    2.9. Filannoo taatotaa

    Qajeelchaan ykn qopheessaa olaanaan tiyaatira kanaa taatonni isaan tiyaatira kanaaf filan waan tiyaatira hojjechaa jiran osoo hintaane, jireenyumasaanii dhugaa jiraachaa waan jiran fakkaatu. Gosoota filmaata taatoo hundatti dhimma bahuun taatota dhaabbii qaamaatiin, amalaan, xiinsammuu dhaanillee hirmaachisaniiru. Kanaaf fakkeenya kan tahu taatoon Onesmoos Nasiib bakka bu’ee hojjete qaamaafi dhaabbiidhaanis Onesmoositti kan dhiyaatu yoo ta’u, Asteer Gannoo bakka bu’uun kan hojjette garuu kallattiimaan ishee fakkaatti. Dabalataanis taatoon Minilik bakka bu’uun hojjete sirriidhuma Minilikiin kan fakkaatu yoo ta’u, taatoon nama dhibee qabu fakkaatee Minilikiif ergamaa turemmoo xiinsammuudhaan kan bocame yoo tahu dhukkuba gosaa kan maatii mootichaa keessa jiru sirriitti mul’iseera. Akkasumas taatoon kun akka madda gammachuu (comic relief)tti nu bohaarseera.

    2.10. Ifaafi sagalee (light and sound)

    Ogeeyyii ifaafi sagalee tiyaatira kanaa utuun hin jajin darbuun hedduu natti ulfaata. Tokkoon tokkoon jijjiirama mil’uu gidduutti ibsaafi sagalee barbaachisu galchaa, miira taatoraa guddisaa, dhiphina daawwattootaa to’achaa deemuun isaanii baayyee nama ajaayibsiisa. Keessumaa yeroo weerartoonni daa’ima qabatan, gosni ibsaafi sagalee dhimma itti bahan miidhagina tiyaatirichaa dabaleera.

    Walumaa galatti:
    Qabxiiwwan cimina tiyaatirichaa ruqoolee hundatti qoodnee ilaaluun baayyee waan bal’atuuf asumarratti gabaabsuun barbaada. Hanqinoonni teknikaa tokko tokko kan jiran yoo tahu isaanimmoo qopheessitootaafi taatota tiyaatirichaa waliin dubbannee waltajjii itti aanuuf ni sirreessina. Dhaamsi guddaan ani dhaammadhu garuu…

    Warri ‘aartiin Oromoo hinguddanne, hamma kan Habashaa hingeenye’ jechaa mammaaksa barrisaa itti darbe mammaaktan, kottaatii hojii ijoolleen Oromoo hojjettu ilaalaa. Ofiis yoo yeroo qabaattan kottaa baradhaa, hojjedhaatii aartii saba keessanii dagaagsaa! Malee inni dur gurratti wal himanii diraamaa hojjetan, inni ija kaameraa keessa ilaalaa fiilmii hojjetan, inni firaaf walbeekumsaan, harka fuudhaafi wanta-wantaadhaan aartiitti wal waaman hafeera. Faashiniinsaa darbeera. Amma barri kan warra ogummicha baratanii of kennanii hojjechaa jiraniiti.

    Xumura irratti hundeessitoota Inistiitiyuutii Aartii Oromiyaatiin ulfaadhaa, aartii Oromoo kufaatiirra gahe jala utubaa kaa’uudhaan ilmaan Oromoo dheebuu barumsa aartii qaban hora beekumsaatti bobbaastanii bu’aa hojii keessanii arguudhaaf baga carroomtan jechuun barbaada. Warreen bakka gara garaa jirtaniif immoo haala mijeessinee tiyaatira kana isin biraan gahuuf sochii eegalleerra. Yeroo dhiyootti gara Magaalaa Naqamtee, galma Onesmoos Nasiibiifi waldaa Makaana yesuus akkasumas galma guddicha Magaalaa Naqamteetti akka argisiisnu abdiin qaba.
    Waaqni waaqaa nu gargaara!

    Horaa bulaa!
    Na oofkalchaa!
    Qopheessaan: Gamma Chuu dha. Barsiisaa Fiilmiifi Tiyaatiraa Yuunivarsiitii Wallaggaa duriiti.

    Leave a Comment

    Your email address will not be published. Required fields are marked *

    Scroll to Top