Himatamtoonni daa’ima waggaa sagalii ugguruun qarshii miliyoona sadii maatii irraa fudhatan hidhaa cimaan adabaman.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furii Aanaa Muudaa Furii iddoo addaa naannoo masjiida salaam bakka diyaaspooraa jedhamutti himatamtoonni daa’ima waggaa sagalii ugguruun maatii daa’imaatiin “Qarshii miliyoona sadii daftanii nuuf erguu baannaan daa’ima kee ajjeefnee sanduuqa reeffaatiin inisiif ergina” jedhanii doorsisuun qarshii miliyoona sadii fudhatan hidhaa cimaan adabaman.
Mudde 05/2017 himatamaa 1ffaan Obbo Seyfuddin Shifaa jedhamu miidhamaa dhuunfaa daa’ima waggaan sagalii maqaan isaa Mohaammad Qaasim jedhamu konkolaataa gosti isaa Viitzii tahe qabatee masjiida Masjiida nutti argisiisi jechuun sossobee konkolaataa taa’umsa boodaan kaa’uudhaan,
Himatamaa 2ffaan Obbo Daani’eel Geetuu jedhamus teessoo konkolaataa duubaa irra taa’uun wayita Masjiida bira gahanii daa’imni kun itti agarsiisuuf jedhu “Qodaa hafe tokko fudhanna” jedhanii Masjiida bira dabrarsuun Magaalaa Finfinnee bakka addaa 18 jedhamee beekamu Hoteela Saamraawwii Kutaa ciisichaa lakkoofsa shan qabatanii bulaniiru.
Gaafa 06/04/2017 sa’aatii adda bahee hin beekamnetti himatamaa 1ffaan bibila himatamaa 2ffaatiin maatiitti bilbilee “Qarshii miliyoona sadii yoo erguu baatte daa’ima kee kana ajjeesnee sanduuqa reeffaatiin siif ergina” jechuun, himatamaa 2ffaan immoo aalbee qabatee yoo dubbatte aalbee kanaan si ajjeesa jedhee daa’ima kana doorsisaa tureera jira. Abbaan daa’ima miidhamaa kanaas daa’ima isaa oolfachuuf jecha qarshii gaafatame hawaasa deeggarsa gaafachuun konkolaachisaa raayidii maqaan isaa Mohaammad Kadiir jedhamutti akka kennuuf akkaatuma ajajameen kenneera.

Gaafa guyyaa 7/4/2017 ganama barii sa’aatii adda bahee hin beekamnetti himatamaa 1ffaan daa’ima kanaan “Abbaan kee qarshii nuuf ergee jiraa maatii kee bira deemta” jechuun konkolaataa tajaajila raayidii keessa galchuun gara Kutaa Magaalaa Furii Aanaa Muudaa Furii iddoo addaa Masgiida Sayid Yaasin jedhamutti geessee gatanii deemaniiru.
Abbaan miidhamaa Qaasim Mohaammad jedhamu erga daa’imni isaa deebi’eefii booda ragaawwan garaa garaa sassaabbachuun gaafa 14/4/2017 Waajjira Poolisii Aanaa Muudaa Furiitti qaama nageenyaatti eeruu kenne.
Qaamonni nageenyaas eeruu isaan qaqqabe irratti hundaa’uun hordoffii cimaa taasisaniin shakkamamtoota kunneen to’annaa seeraa jala oolchuun Mana Murtiitti akka dhiyaatan taasisaniiru.
Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaris falmii bitaa fi mirgaa erga gaggesseen booda murtii balleessummaa irratti mirkaneessuun himatni banee, Dhaddacha gaafa guyyaa 15/9/2017 ooleen himatamaa 1ffaan hidhaa cimaa waggaa 11’n, himatamaa 2ffaan immoo hidhaa cimaa waggaa 10’n kan adabaman tahuu beeksiseera.
Hawaasnis yakka kana fakkaatuu fi kanneen biroo wayita raawwatamanii argu akkaatuma kanaan qaamanis tahe bilbilaan Poolisii fi qaama nageenyaatti eeruu kennuu fi ragaa irratti bahuun yakkamtoonnii fi fakkaattonni isaanii akka irraa barachuun yakka hojjechuurraa of qusataniif dirqama isaanii ba’achuu akka qaban dhaamameera.
Maatiinis, daa’imni isaanii eeguu fi nama eenyummaa isaa hin beekne waliin akka hin deemneef gorsuu fi to’achuu akka qaban dhaamameera.
Comminucation Magaalaa Shaggar Wabeeffanne!




