Asoosama Gabaabaa, Samii Lafa Jalaa

Kun ajaa’iba Waaqaati jedhe Roobaan gaafa tuullaan yaadaa kan qor-qalbiisaa keessaa akkabokka arfaasaa irratti gadi roobu. Kan inni jiraatus magaalaa abbaa Gadaa ganda Bilisummaa Guyyaasaati. Lafti dhalootasaa Godina Booranaa aanaa Abbayaa kan ta’e Roobaan dhalootumaan nama roorroofi xiiqiif hin jilbeenfannedha. Mammaaksi lamaan’ Kaleessa farda kortee, yaa warra lafoo jetti; titiisni hin madeessitu; madaa keessa namanyaatti’ kanneen jedhaman kunneen yeroo mara jalqaba haasaa Roobaan dubbii jalqabu keessaa hafanii hinbeekan. Keessasaatu madaan

2
guutuudha; kan madaan akka sammuu qaaqa’eeisa hooksisaa ooltu…Mana barumsaa qophaa’ina Gaango’aa keessakan jiraataa jiru Roobaan nama dhalootumaangaaffii isaaf hindeebine qabudha. Akka kanniisasaafaa damma dammeessitee qabdurrattidiinashee loluuf ijaafi funyaan namaattiduudduutti gaaffiin hawaasummaa, siyaasaafi eenyummaa sammuu Roobaatti duudaniitu tokkoo isaaniifuu deebii quubsaa tokkichilleedhabame. Yoo deebiin kennameefillee matumaa isa quubsuu hindanda’an. Deebii fakkeessanii deebisaniifis gaaffii kan biraatu sammuusaa keessatti dhalataaf malee waan kijibaa sodaa

3
namaaf jedhee mormasaa gadi hindabarsu Roobaan. Miiltoosaa kan ta’e Gololchaa faana waa baay’ee buusee baaseera. Keessumattuu namni akka dhagaa gurraachaa iddoo tokko qofa taa’ee kaayyoo dhabeessaafi hojiitti dhibaa’aa ta’uun kun maalifi? Namni akka namaatti addunyaa kanarra dhufe kun dirqamni inni addunyaa kanarratti raawwatee darbu maalfaa? fi garaagarummaan bu’uuraa kan dhala namaa bineensa sammuu ittiin yaadu hin qabnerraa adda godhu wantoota akkam akkamiiti? kanneen jedhan gaaffilee deebii dhaban kan garaa Roobaa keessaa banbanaa oolan ta’uu Gololchanis beekee jira.

4
Yeroo barnootasaatiin ala bosona keessa ooluu jaallata Roobaan. Kanas kan inni godhuuf namarraa waan qajeelaaf hawwu tokko waandhabeef tarii bineensi bosona keessa jiraatanyoo afaansaa danda’aniif jedhee takka mukarra takkammoo lafarra olii gadi ilaalaa dabtaraafi qalama fudhatee manaa ba’ee walitti buusuun waa barreessuu eegale. Waa baay’eebarreessee harkaa qaba; kan namni tokko hanga ammaatti harkasaarratti hin argiin jiru. Mata dureelee garaagaraa inni irratti barreessee of harkaa qabu keessaa kanneen akka asoosamaa, falaasamaafi dhimma waan haaraa kalaquu isa harka bubbulaniiru. Keessumattuu matadureewwan inni soonessaa ture kan akka biyyattiitti nama rakkoo hiikuun beekamtu taatee Yunivarsiitii Keelloo Masqalaa keessaa hojjetaa jirti. Roobeeraa faanas mana beekamaa haalliijaarsisaafii meeshaaleen manasaatii adda ta’etokko ijaarratanii walumaan keessa jiraataa jiru. Namootiin baay’een kan bineensichaanoogganamanis hedduun irratti inaafanii isaanballeessuuf shira baay’ee xaxaniiru. Roobeeraangaruu mammaaksa tokkittii ‘akka qotiyyoongooba jettee raachi dhootee duute’ jedhuundubbiisaa goolabee kaayyoosaatti hangadhumaatti cichee hafe!
–
Beekan Gulummaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top